June 5, 2026
Kaayyoo Miliqee kutaa 6ffaa

Kaayyoo Miliqee kutaa 6ffaa

Kaayyoo Miliqee kutaa 6ffaa. Barreessaan: barataa SHAAFII KADIIR                          

Akkuma biyyaatti nagaa wal gaafatanii yoo gad taa'an BARIISAAn miira keessa galee hurki irraa mul'ata. SAARAAn moggaa isaatiin teessee yoo ishee ilaalu of too'achuu dadhabe.... Eessa akka jiru wallaale garuu of too'achuuf yaale. Gidduudhumaan keessummeessitoonni biiraa fidanii gidduu kaa'an.

Sana dura BARIISAAN biiraa dhuguun hafee waan araada ta'an kamirraayyuu bilisa ture. "Wanti hin beekne nama'n beektu" jedha Oromoon. Otuman jaallatin yeroo lama liqimse. Waan biraa itti fakkaataa jira. Kanuma gidduutti jarri muxannoo  dhimma kanaa guute( BAAHILUU fi BARAKAT) kutaa ciisichaa qopheessaniiru.

Kaayyoo Miliqee kutaa 6ffaa
Kaayyoo Miliqee kutaa 6ffaa

SAARAAn harka bobaa isaa jala galchitee, BARIISAA daa'ima hirriibni injifate fakkaatu kana gara kutaa chiisichaa galchite. Maaltu itti aana seetan... wantoonni bakkichatti raawwatamuu qaban kan BARIISAAn fiilmii irratti beeku hundi 'practice'n irratti bahame. Boodarra addunyaa waliigalaa keessa galfamee gingilchamaa bule. ~ Waan fagootti yaaduun akka taphaatti walitti bahe.~ Halkan isaatu jalaa gabaabbate fakkaata ~.

Bari'ee guyyaan ganama Wiixataati... BARIISAAn qormaata qaba. Shaaworii galee bariidhaan gara gibbii jara achumatti dhiisee qajeele. Akkuma daree barnootaa seenee qormaanni hirameen BARIISAAN duraan daqiiqaa 20 keessatti xumuree bahu har'a maal jedhee haa guutu. Akkuma ta'e ta'ee qormaaticharraa yoo bahu doormii galee mana kitaabaa seenus dubbisni sammuun waan cufate jalaa fakkaate. Akka dhimma kana BILAALII fi BOONSAA-n hin dhageenye BARAKAT fi BAAHILUU waadaa galaniiru.

Galgalli lammaffaa yoo ga'u bariisaa ammas waan kaleessaa yaadate. Akka jarri hiriyoota hin beeknetti bakkichatti deebi'uuf Saaraa mari'achiise. "Kanaaf hin yaadda'in si waliin bara jireenyaa guutuyyuu yoo dabarsan sitti xiqqaata bar. Garuu Bariisaa, waan tokkon si rakkisa innis maal seete... boru qormaata Maths qaba. Ati barataa cimaadha. Akkuma beektu mooraan keenya kuni qormaata faayinaalii yoo ta'e malee isa kaan namni xiyyeeffannoon nu ilaalu hin jiru. Kanaaf qormaata boru qabu kanaotuu naaf qoramtee" jette Saaraan.

Akka malee gammadee "inni rakkoon qabu siif qorama" jedheenii har'as waliin ba'an. Galgalli kunis akkuma kaleessaa ture. Ganama ajaja itti kenname fudhatee qormaata isheef qoramuuf daree ishee seene. Maqaa, ID fi wantoota barbaachisoo guutee akkuma cimina isaa daqiiqaa 30 keessatti qormaata Herreegaa xumuree bahe. Barsiisaan isaan qoraa jiru ni ajaa'ibe barataan akkamitti gaaffii hagana baay'atu daqiiqaa 30tti fixa jedhee irraa fuudhee akka maqaa fi ID guute mirkaneessuuf yoo jedhu maqaan Saaraa jedha.

Barsiisaan ni ajaa'ibsiifate. Daddafee bakka bu'aa daree sanaa "maqaa nama saaraa jedhamu ni beektaa?" jedhee gaafate. Inniis "eeyyeen beeka har'a garuu waan ishee mudate hin beekne hin argamne qormaata irratti" jedheen. Barsiisichi nama lammaffaa isaa waliin qoraa jiru bakka ofii buusee saffisaan daree gidduudhaan gadi bu'ee Bariisaa fi Saaraa walitti maramee dhaabbatu yoo argu poolisii university naannicha jiru waamee jara kana akka qoratan taasise. Poolisoonni lama ta'anii dhufan isaan lameenuu gara waajjira isaanitti fudhatanii deeman. Qorannoof wanti barbaachisaan hundi gaggeeffame. Booddee irratti BARIISAA adabbii waggaa 4 moorarraa isa fageessu kan waggoota kanneen keessatti koolleejjii kamiyyuu seenee barnoota akka hin baranne dhoorgu irratti murtaa'e.

Ishee immoo sababa goyyoomsuu fi kanaan wal qabatuun waggaa lamaaf adabamte. Xumura irratti BARIISAAN boorsaa ofii fudhatee Akka waan boqonnaaf gara maatiitti deemuun kophaa yoo deemuuf bahu halkaniifi guyyaan itti Wal fakkaateeti. Waan godhu dhabe. Bakka dubbisuu qabu hunda dubbisuus deebiin argatu murtee kee xumurii deebi'i isa jedhu ta'e. Kaayyoon ganamaa, qaxalummaan, ciminnii fi abjuun guddaan asitti jalaa miliqe. Maatiitti deebi'uuf maal jedhee haa deebi'u, hiriyootatti himuuf maal jedhee otuu jedhuu, biyyaa bahuuf murteeffate. Qormaata biraa seene.... Jireenyi itti fufe.🚶🚶 XUMURAME!

join https://academy.kaayyoo.com

read more it Kaayyoo Miliqe kutaa 5ffaa

17 views