Maaliif salaanna kutaa 4ffaa. As birattiis gaafii akkaan barbaachistuu takkatuu jira. Gaafii tana nama hedduutuu gaafata.

Ani guyyaa hundaa salaata shanaan salaatuttiin jira tokkoollee dhiisee hin beekuu garuu waan fokkota irraa hin tiyfamnee salaannii tiyyaa waan fokkota irraa naa tiysaa hin jirtuu akkasuma cinqii hiraari fi doqnuummaa irraahis naan tiysaa hin jirtuu.
Duubaa osoo rabbiin salaannii waan fokkota irraa nama tiysitii, hiraari fi yaaddo irraa nama tiysitii nuun je'uu ani maaliifin hamtuu irraa tiyfaamu dadhabee je'ee gaafata. Fakkeenyaa laaftu namnii hundii hubaachuu dandaayuu tokkoon isiniif fudhadha baraata barnoota isaa haalan jibbuu tokkotuu jira . Barataan kun guyyaa takkaallee mana barnoota irraa hafee hin beekuu garuu guyyaa tokkollee baraatee hin beekuu maal jechuu kun namanii guyyaa hundaa mana barnoota dhaquu akkamitti hin barannee jettaa jettanii of gaafacha jirtaan nattii fakkaata.
Garuu gurbaan kun maqaa yaamamuu qofaaf mana barnoota dhaqaa. Ganaama yeroon dhaqee yeroo barsiisaan maqaa yaaamuu qofaa owwaachuuf mana barumsaa dhaqaa yeroo barsiisaan maqaa waamee bahuu isumaa wajjiin baha achii boodaa dabtaraa isaa fudhatee dallaya gubbarraan utaalee gara bakkaa haaja isaa deemaa.
yeroo tokko tokkoo immoo osoo innii hin bahiin yoo barsiisaan bira itti seenee daree kessaa ta'ee baratootaa jeeqaa , waan barsiisaan barsiisuu hin dhageeyfatu , yoo hojiin mana jiraattees hiryoottan isarraa dalaga gurbaan kun haaluumaa kanaan kuta saglaaffaa qoofa waggaa sadii baratee. waggaa sadaffa saniis qormaata namarra hatee gara kutaa 10ffaa dabree. Salaannii nama hedduu barnoota gurbaa kana fakkatti. Rabbiin salaata dirqaama godhee namnii salaata hin salaannee ibiddattii gubama kanaafuu toftaan jahannam jala ittiin naja bahaan maaliiree? Salaata hundaa yeroo isittii salaatudha. Kanaaf namnii hundii atendaansii gutuuf jechee ol jedhee gad je'a . Namnii kun salaata isaa salaatutti jira attendaansii irraattii guutudha shakkii malee warraa salaaturraa lakkawama garuu salaannii isaa attendaansii qofaaf isaa gargaarti akkaasuma warraa salaaturraa tahuu isaa qofaaf isaa gargaarti .
Osumaa salaata keessaa jiruu hamtuu salaata boodaa dalaguuf deemuu yaada. Qalbiin waan biro yaada qaaman ol jedhee gad je'a raka'aa meeqaa akkaa salaate hin beekuu salaata kophaa salaatuu hundaa duubaan sujuudu sahwii bu'a waluumagalattii salaannii isaa ruhii hin qabdu. Rabbiin warraa attendaansii qofaa gutuuf salaatuun maal jedhaa beektaanii;
فَوَيْلٌ لِّلْمُصَلِّينَ
Way Badii/ Halaaka warraa salaatu.Warrii salaatuu badii maalii qaba nama rabbiif jechaa slaatun rabbiin maaliif akkaana jedhaa jeettani waan of gaafacha jirtaan nattii fakkaata.
ٱلَّذِينَ هُمْ عَن صَلَاتِهِمْ سَاهُونَ
Isaan suun warraa salaata isaanii laaffissu.Warraa salaataf dantaa hin goonee jechuudha.
ٱلَّذِينَ هُمْ يُرَآءُونَ
Isaan warraa garsiifachuu qofa fedhu.Attendaansii gutuu qofaaf salaatan jechudha. Gurbaan mana barumsaattii maqaa qofa waamamee bahuu san boodden isaa maal taatee? Booddeen isaa qormaata kufuu taatee namnii barnootaa seraan hin baratiin qormaata kufuun isaa shakkii hin qabu . Hayyee jiruun ammaa jiraacha jirruu tun maalii ?
ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلْمَوْتَ وَٱلْحَيَوٰةَ لِيَبْلُوَكُمْ أَيُّكُمْ أَحْسَنُ عَمَلًاۚ وَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلْغَفُورُ
Inni (Rabbiin) isa du'aa fi jiruu Uume.Kamii keessantu dalagaa gaarii akkaa dalagu isiin laaluuf.Inni(Rabbiin) injifataa fi araaramaadha.Rabbiin du'aa fi jiruu maaliif uumee?akkummaa Aayata tanarraa hubannu Nuu qormaatuuf uumee jechuudha. Jiruun ammaa jiraachutti jirruu tun qormaata qormaata kana immoo wannii nama kuffisuu maalii? Waan fokkotuu fi munkara akkaa shirkiiti.
Waan kanarraa tikfaamuuf dawaan gaariin maaliidha ? Dawaan gaariin salaata salaatudha. Namnii salaata ruhii hin qabnee salaatuu hoo maal taha ? Fahasha'a ykn waan fokkotuu irraa hin tiyfaamu, yoo kanarraa hin tiyfamnee hoo maaltuu ittii aanaa? Munkaraatu ittii aanaa. Munkara jechuun immoo shirkii fi kufriidha. Bodarraa namnii kun deeme islaamummaa keessaa bahuu mala jechuudha.
Kutaa 5ffaa .....itti...fufa..
maaliif salaanna kutaa 4ffaa
maaliif salaanna kutaa 4ffaa
read more it Maaliif Salaanna Kutaa 3ffaa
JOIN Kaayyoo Academy