Mucayyoo Hedduu Bareeddu
Seenaa bareedduu
A'aa an intala tiyya siif hin kannu ja'een,oduu gaddaa gurra dardartichaatti lixxe! Rifatee 5gurbaan Abbaa maalif ? Maalif ? Jechuun baaraga waliin gaafate.
Abba waan biraatii miti garuu Batuun tiyya Amalli isii amala addaati fuutee wajji jiraachuu dhiisii,halkan takka qofaahu waan wajji jiraattu natti hin fakkaatu!

Seenaa bareedduu by https://barataa.kaayyoo.com
Yoon intala tiyya siif khanne an nama lubbuu tiyyaa fi teetillee miidheen taha! Ana ammoo nama nama miidherraa tahuu hin barbaadu!
An batuun tiyya dhiirri wajjin jiraachuu danda'u waanuma dhalateehu natti hin fakkaatu jechuun gurbaaf ibse! Gurbichi tasgabbaa'ee ahaa ta amala isiitii ? Tana taanaan rakkoo hin qabu jechuun haasawa itti fufan.
Gurbaan jagna onnee leencaati! Abbaa isiin yoo na hayyamte rakkoo isiin
qabdu,hanqina isii guutuu waliin anaatu danda'a jechuun onnee dhawatee jaarsa gammachiisuu eegale!
Dhugaa ati dhiira jechuun dhiirummaa gurbaa ragaa bahuun intala isaatis akka khannuuf hayyameef! Gurbaan takka gammadee,ammallee tiqqo of duuba deebi'ee dhaabbate,sababni intalti akka hayyamtu waan shakke fakkaata.Garuu yeroo Abbaan deemee Batuun bira dhaqee gurbaa akkanaatu si barbaada dhufe jedhuun batuun fuulli isii akka waan ifuu tahe,
gabrummaan irraa kha'uuf kharaarra waan jiruuf mucayyoon seequu jalqabdee Ăąmra Abbaa Abshir nan heeruma jattee Abbatti himte! Gurbaan warra ganda khanaa miti gunda tiqqo achi fagaatu tokkorraa waan dhufeef giyyaa Aruuzaa Murteeffatanii gammachuun achitti deebi'uuf kha'ee deeme.
Yeroon deemtee torbeen dabarraan guyyaan aruuzaaf murtaa'e san dhufe.gandi Batuunis,qeerroo fi qarreen bahanii gammachuu isaanii ibsachaa jiran! Arra seenaatu dalagame ishee bareedina ishee amalli ishii injifachuun sababa manatti hafummaa ta'eetu arra haadha manaa ta'uuf deema.Kanaatu biyya gammachiise!
Amma guyyichi waan dhufeef Aruuztittiin Uffata haalaan bareedu uffatte,dahabaan morma ishii meetaan gurra ishii gugguutaniifii gadbaasan! durumaanuu Batuun haalaan bareeddi! Arra khan Abbaa manaa argatte gaaffii hin qabdu!
Qeerroon gandaa hundi haala gaariin uffatanii qarreenis faayamtee aruuza batuun irratti argaman! Arra guyyaan khan addaati gammachuun guuttee,fuula nama hundaa irraa akka ifa aduu calaqqisaa jiraachuutu mullata! Dubbii Ajaa'ibaa haala gandi guutuun i'ifaa jiraniin Aruuztichi uffata isaa isa yeeroo khaan uffatu uffatee dhufe,waan bakka dalagaa deemaa jiru fakkaata! Firri isaatiis waliin hin jiran! Kophaa isaa deemaa dhufee,ol seenee gad taa'e!
Nama lamaan nikaaha godhaniis dhufanii nikaaha hidhanii yeroo xumuran Faatihaa qara'uun goolaban.
Gurbaan lafaa ol ka'e, Jaalallee(haadha mana isaa ) harka qabatee deemsa jalqabe! Abbaan batuun qabee gurbaa dubbise,akkana ja'een yaa ilma khiyya eysa deemta ? Aruuzni amma jalqabe namoonni dhufaniis hiraata hin nyaanne jechuun jaarsi gurbaa gaafate!
Gurbaan akkana ja'een Abbaa isin haajaa itti fufsiisaa anaa fi Batuun tiyya ni deemna yeroon nutti gabaabduudha jechuun deemsa itti fufe nam tokko isaan waliin hin jiru Farda fi saree tokko kan yeroo inni waa adamsuuf bosona seenu gargaaruu turan malee,Batuun farda gubbaa baasee osuma gandi hundi dhaabbatanii ilaalanii deemsa itti fufan,guyyaa gammachuu tahuu waliin waan haarawatu argame deemsi jaraas itti fufan deemsi garam… itti fufa
Mucayyoo bareedduu
Seenaa bareedduu