June 5, 2026
Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa

Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa

Kaayyoo Miliqe kutaa 4ffaa..........Ishee gateettii isaa irra ciistu arge. BARIISAAN jara lamaan jechuunis kanneen hiriyoota BARAKAT fi BAAHILUU sana dura waan beekuuf jara sadanuu nagaa gaafatee, isaa fi BARAKAT iddoo isaaniif Qophaa'e taa'an. Giddumaan hiriyaa BAAHILUU kan taate MASARAT " baahii(maqaa baahiluu yeroo waamtu) isin maaliif mucaa kana gattanii deemtu ? (BARIISAA) moo isatu Hin barbaanne  moo maali waansaa" ? jette BAAHILUU fi BARAKAT fuula keessa ilaalaa.

Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa
Kaayyoo Miliqe kutaa 4ffaa

Hiriyaan BARAKAT Helen illee yaaduma kana deeggartee gaafatte. [BARIISAAn Seeqaa jira] BAAHILUU-n gaaffii hiriyaa isaa yoo deebisu"akkas miti bareedduu koo BARIISAAn amaluma isaa galgala galgala doormiidhaa bahuu hin jaallatu. Atiilleen akka qofummaa kana xiqqeessu itti hime mee" jedhaan harka ishee qaqqabataa...Helen deebistee " Hayi BARIISAA maali garuu gibbii keessatti qofummaan xiqqoo hin ulfaatuu? Sammuun namaa boqonnaa barbaada bar yeroon dubbisaa akkuma jirutti ta'ee ifii keetiif illee yeroo boqonnaa qabaachuu qabda malee" jetteen.

BARIISAANIS deebisee harkaan rifeensa ofii qaqqabataa " Heeluyyee akkas miti ani kophummaan natti tolee otuun taane bara kana akka dur miti sa'aatiin keenyas gabaabaa waan ta'eef isumaaf xiyyeeffannoo kenna jedheeni, abshir! kana booda kophaa hin turuu atiif masii illeen hin yaadda'inaa " jedheen.Gidduudhaan wanta isaan ajajan keessummeessaan tokko fidee finjaala gidduu isaanii jiru tokko irra kaa'e. Haa nyaannuu jechaa waliin taphachaa itti fufan. Erga nyaatanii booda buna dhufu eegaa guyyaanis boqonnaa waan ta'eef tapha isaanii itti fufan.

Kaayyoo Miliqe kutaa 4ffaa

Giddumaan MASARAT"BARIISAA, Saaraa jedhamti. Hiriyaa teenya sirritti wal bartee? mee waliin haasa'aa" jettee garee saditti qoodamanii haasaa jalqaban. Guyyaan jalqaba waan ta'eef eenyummaa walii baruufi seenaa walii gaafachuun, dhimmoota BARIISAA fi SAARAA gidduutti deemaa ture keessaa ijoodha. Maal sodaatta? maal jaallata ? maal jibbita? fi kanneen biroo gaafiiwwan ka'aa turan keessaati. BARIISAAn Bilbila ishee gaafataa isheenis otoo itti himaa jirtuu bunni dhufee gidduudhaan deebi'anii dhuguu jalqaban . BARIISAAn qeerroo miidhagaa waan ta'eef SAARAA biratti filatamuu hin oolle Fakkaata. "Sa'aatiin deemaa jira haa deemnuu" jedhe BARIISAAN.Tole jedhanii kaaffeerraa bahanii naannoo doormii shamarraniitti yeroo dhi'aatan nagaa walitti dhaammachaa gargar bahan. BAAHILUU " BARIISAA amma argiteetta mitii yoo dubbistellee amma baay'een sin cinqu salphaatti siif gala😊. Kun iccitii milkaa'ina koo fi kan BARAKAT ture" jedhanii itti qoosaa. 

Read another posts Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa

Yeroo doormii gahanii rafuuf jedhan.......

Kaayyoo Miliqe kutaa 4ffaa

Kaayyoo Miliqe kutaa 4ffaa

join https://academy.kaayyoo.com

17 views