June 5, 2026
Kaayyoo Miliqee kutaa 5ffaa

Kaayyoo Miliqee kutaa 5ffaa

Kaayyoo Miliqee kutaa 5ffaa. Barreessaan: Shaafii Kadiir

Yeroo doormii gahanii rafuuf jedhan BARIISAAn hirriibni dide dubbisuuf yoo jedhus sanuma. Ofirraa ciisee haasaa kaaffee keessaa takkaa gammadee seeqaa takka waan BILAAL FI BOONSAA wajjiin irratti  waliigalanii turan yaadachaa bilbila isaa fudhate.Akkuma banee telegramii galeen iddoo contact jedhu sana irraa maqaa SAARAA Online ' jedhu ilaalaa suuraawwan profile ishee kanneen sammuu nama jeeqan kana ilaaluu jalqabe.

Kaayyoo Miliqee kutaa 5ffaa
Kaayyoo Miliqee kutaa 5ffaa

Suuraawwan mudhii jajalloo, qoma banaa gidduutti riftvalley'n mullatu kana takka iskiriinii bilbila isaa irra jiru adda guddisaa suuraa ilaaluu itti fufe.'Hi' jedhuu moo dhiisuu otoo jedhuu turee sa'aatii sagal ta'e halkan. Bilbilli chaarjiif dhaamsinaan chaarjiirra godhee rafe.Guyyaan itti aanullee guyyaa dilbataati. BOONSAA fi BILAAL ammallee hin deebine. Ammas BAAHILUU fi BARAKAT har'a guyyaa dilbataati waan ta'eef boqonnaaf ala akka bahan irratti waliif galanii, BARIISAA illee amansiisan. BARIISAA'n isa duraan dhimma kana akka kufaatii guddaatti ilaalaa ture, amma immoo deebisee akka boqonnaa sammuutti waan hiika kenneef fakkaata.Innuu jara caalaa yoo bahuuf sa'aatiin gahu ariifachuun isarraa mullatu, nama dirqamni itti laatame fakkaate. Sa'aatiin itti bahan naannoo sa'aa kudhanii ta'a. BARIISAA'n har'as akkuma kaleessaa kaaffee wahii keessa taa'anii hirribaaf waan doormiitti deebi'an se'e.

Jarri dursanii BARIISAA irbaata akka affeeran itti himanii waliin bahan.Akkuma gibbiirraa ala bahanii kilomeetira muraasa deemaniin mana dhugaatii uummanni keessa guute tokkotti ol seenan. BARIISAA'n yoo laalu ganaa lafti ifaadha. Namni walitti gara galee garee gareedhaan dhiiraa fi shamarran gidduu isaanii immoo qaruuraan biiraa gosa gosaan guute yoo ilaalu bakka jiru amanuu dadhabe. Of duuba deebi'uuf yaadee waan bitaa itti gale ta'eera. Amma maal haa godhu?

BARAKAT fi BAAHILUU-N warra muuxannoo yeroo dheeraa naannoo kanatti qaban waan ta'eef haalli BARIISAA irraa mullatu isaan ajaa'ibee itti qoosaa iddoo qabatanii taa'an. Gidduudhaan bilbilli BAAHILUU bilbilame. Innis kaasee iddoo yeroo itti himu BARIISAAn ammallee nama biraa itti fakkaataa jira. Daqiiqaa muraasa booda shamarran sadi taaksii keessaa bu'anii yoo garana deeman mul'atu. Uffata gabaaba mudhiirraa taakkuu tokko hin buune gubbaan immoo shurraabii gabaabaa handhuura hin geenye, kophee dheeraa taakkuu caalu uffatanii wal cinaa yoo deeman waan gara sana achi deemaa jiran fakkaata. Akkuma biyyaatti nagaa wal gaafatanii yoo gadi taa'an BARIISAAn miira keessa galee hurki irraa mul'ata. SAARAAn moggaa isaatiin teessee yoo ishee ilaalu of too'achuu dadhabe......... itti fufa....

join https://academy.kaayyoo.com

read more itKaayyoo Miliqe kutaa 4ffaa

11 views