Seenaa Mucayyoo bareedduu kutaa4ffaa..........Gurbaan itala farda irra baasee ofiifiis bahee waliin deeman!
Waan takkaa namni hin hojjatin hojjate,baasa ka ja'an san baase! Gandi saganticha aruusaa itti fufsiisuun xumuran hiraata nyaatanii namuu gara mana isaa deeman!

Batuun waan jaarsi isii godhaa jiru tana itti hin gammanne,garuu obsaan waan deemaa jiruu hordofuu jalqabde! Akka amala isiitii silaa gurbaan walitti buuti garuu halkan aruuza jalqabaatiin jeequmsi akka hin uumamneef obsa horatte!
Hanga karaa deeman wal hin dubbisan osuma jaarsa duubaan farda tokkorra waliin taa'anii! Sarachi deemsa abbaa isaa haalaan hordofee durarra akkasuma yero yeroos duubarraan osuma irraa hin fagaanne isaan waliin deema! Batuun dubbiin jaarsaa dhibdullee,saricha dinqisiifachaa jirti,haalli isaanii waliin inni deemaa jiru waan itti tole fakkaata!
Takka jattee gaaffii jalqabdee akkana jechuun gaafatte! Hanga waliin deemnetti sareen kun sirrumatti siif ajajamaa akkami ? Jechuun gaafatte! Xiqqeenya isaarraa eegalee na waliin jira, Bakkaan deemu hundas na waliin deema,Na eega jechuun deebiseef,fardi kiyyalleen akkasuma jechuun deebiseef!
Osoo deemanii erga fagaatanii booda dadhabanii hara galfachuuf fardarra bu'an,gaaddisa muka tokkoo jala gad taa'an muka kanarraa baala lama muree hamartii irraa hojjatee,quba isiitti kaayeefii akkana ja'een! Kuni kennaa abbaa manaa keetiiti kan aruuzaaf siif kenne harka kee irraa hin baasin jechuun itti dudubbate! Haalaa fi kennaa isaa ajaa'ibsiifachuun haga yaada isaa shakkitutti deemsise!
Tiqqo erga hara baafatanii,deemsa isaanii xumuruuf ka'anii deemsa itti fufan.osuma deemaa jiranii kopheen aruuztittii irraa buute,gurbaan argee saree isaatiin kophee san fidii ja'ee ajaje!,sarichi hubachuu dide,fardarraa gad bu'ee ablee baafatee intala fuula duratti saricha akkaan jaalatuufi akka dhala namaattii wajjin jiraachaa ture ajjeese,batuun rifatte akkasuma nillee aarte,akki khun haraami saree kee isa ajaja kee takkaa hin didin akkamitti ajjeesta ati nama garaa jabaatu jechuun itti dubbatte.
ani yeruma tokko qofa dubbadha jechuun deebiseef! Batuun takkaa ilma namaa hin sodaatin arra sodaatuuf kararra jiraachuun ifa ta'e! Fuula isii duratti lubbuun sarichaa bahuun isii kèssatti miira sodaa uume,osuma deemanii bakka bishaanii gayan! Qaxxaamuruuf imala bishaan keessaa jalqaban! Gurbaan akkana jechuun fardatti haasawe! Qax-jedhii diriirii bishaan nu dabarsi bishaan uffata haadha mana tiyyaa hin tuqin jechuun ajaja dabarseef! Fardillee hubachuu dhabe,haaluma duraan itti deemutti bishaan keessallee deeme!
Bishaan uffata batuun jiise,yeroo bishaan keessaa achi bahan fardarra bu'ee batuuniis irraa buusee Ablee baafate ammaas fuuldura batuunitti lubbuun fardaa baasuuf waan jarjaru fakkaata.dhugumaan haaluma saree ajjeeseen,ablee fudhatee isuma qaroon lamaan batuun argituu lubbuu fardaas baase!. Dubbiin intala dhibde,rifattee fuulli isii gurraacha'e,batuun rakkaattee akkana jechuun itti dubbatte!
Gurbaa ati akkami fardi kaniin akkaan jaaladhu naan hin jannee akkamitti ajjeesta,qalbiin kee dhagaadhaa ? Jechuun akka waan loltuu taate! Garuu gurbaan akkana jechuun deebise, "Ani takka malee lama hin duubbadhu" namni waaniin ani ja'u nan dhageenye jireenya kiyya keessatti nan fayyadu jechuun gurra batuun buuse!
Mucayyoon abbaa isii dhaleewu amansiistu malee hara hin galfanne arra qabamte! Harka dhiiraa buute Carraan isiin qabdu "Cal-jechuu" filatte ustee mataa isaa gad qabattee taajjabuu jalqabde.
Gurbaan guddisa haarawa barsiisuuf waan kana rawwachaa jiru fakkata.
Deemsa itti fufan amma ammoo miilaan deemuu jalqaban osuma wal hin dubbifne imalaa jiran haga gayanitti mana isaa guddaa tokko khan bakka biraa gandi tokkoolleen itti hin dhihaannee! Maanii haalaan guddaa hojjattoota hedduu of keysaa qaba hojjattoonni hundi bahanii simannaa bareedaan batuunii fi gurbaaf godhan! Mana Ol-seenan hojjattoota cufa walittii qabee batuunii wajji haala bareedaan akka wajji jiraachuu qabanii fi Ajaja isii akka waan inni isaan ajajeetti guutumatti akka fudhatan itti hime.Batuun gift-duree taatee waan muudamte fakkaatti.
Join Kaayyoo Academy
Read other post
Seenaa Mucayyoo bareedduu kutaa4ffaa
Seenaa Mucayyoo bareedduu kutaa4ffaa