Rakkinnii Jireenya kee keessaatti
Rakkinnii Jireenya kee keessaatti. Barsiisaa tokkotuu Waa'ee marsaa jireenya kanniisa utuu barsiisuu barattootaa isaa gochaan isaan hubachiisuu barbaadee.Kanniisa fidee kutaa dhufee fulduraa barattootaa isaa ka'ee akkaas jedheen barattootaa isaatiin "Amma marsaan isaa kun jiisaa irraa ga'ee jira gara ga'eessatti jijjiramuuf turtii sa'aatii 2 ittii fudhata waan ta'eef namni kamiyyuu akkaa ittii hin buuunee"jedheen.

Sana boodaa osuumaa barattoonnii daree kessaa ta'aanii ilaalaa jiraanii kanniisani sun qoodaa (qola) kessaa jiruu san cabsuuf yaalii gochuu eegale.Osuma yaaluu yeroo dheera ittii fudhatee ture. Barattoonis bayyee gadduuf irraa kan ka'e gargaaruu yoo barbaadaanis ajaajaa barsiisaa isaani cabsuu hin barbaadne ture.
Haa ta'u malee gara dhumaa irraattii barattootaa sana keessaa tokkoo dhippinni kanniisa sanii baayyee waan garaa isaa nyaateef gargaaruuf murteessee gargaare qola(qodaa) innii keessaa jiruu san keessaa baase.Haa ta'u malee osumaa baayyee hin turiin kanniisani sun ni du'e.
MAALIIF DU'EE ❓️
Yaaliin innii taasisaa turee sun yaalii hedduu barbaachisatii jireenya isaatiif Achii keessaa ofin cabsee bahuun isaa :
â—Ź Cimina qaama isaatiif faayidaa qaba ture.
â—ŹCimina baallee isaatiif faayidaa qaba ture.
Ammaa garuu gargaarsa namatiin achii keessaa waan baheef kana hunda ni dhabee ofiifis ni du'e.
Ilaalii Mee Erga Koo-------
✔️ Rakkinnii Jireenya kee keessaatti sittii dhufu kamiyyuu bu'aa fi faayidaa mataa isaa qaba.
â—ŹHub:- Gargaarsi nama lagaa sin ceesisu, garuu inumaayyuu dandeettii dhookataa keessaa kee jiru baafte akkaa atii itti hin fayyadamnee si godha.Rakkina sitti dhufee sana keessaatti harki nama waan si gargaareef Cimina kee (enyumaa) mataa keetii dhabda.
Rakkinnii boruu boodaa dhufu waa hundaaf akkaa atii irraa deebidhaan harka nama eyduu si taasisaa.Dandeettii kettii fayyaadamii, teessee harkaa nama hin eeggatin atumtii mataan keetu ni injifatta....!!!!
Injifannoon guddaan kan argaamu yeroo baay'ee jidduu sochii atii gootu fi rakkina sii mudaatutii waan taheef rakkinaaf yoomuu harka kee hin kenniin!
joinHttps://academy.kaayyoo.com
read more it Top Cloud Hosting Services for Small Businesses (2025)