June 5, 2026
Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa

Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa

Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa

Iddoo kanatti BOONSAA fi BARIISAAN bitaa fi mirgaan taa’u. BILAAL gidduu isaanii taa’ee akkas jedhaan “Bariisaa, har’a kan asitti si waamneef, dhimma tokkoofi. Sadan keenyayyuu akkuma beektan yeroon kuni yeroo mana amantaa keenya deemnu ture. Garuu har’a ni hafna jechuu miti. Gabaabsinee daqiiqaa Diigdama keessatti waan si hubaachiisuu qabnu akka hiriyaa keenyaatti sitti himuu barbaanne. BOONSAA waan jiru itti himi ” jedhee callise. BOONSAA-n gidduutti akka waan callisuu ta’ee, “Eyyeen dhugaa keeti BILAAL. BARIISAA maal sitti fakkaate? Eeeemmm… nuti hiriyoota doormii tokkooti. Iddoo gara garaa irraa walitti dhufnee as kan jirru dhimmi jalqabaa barnootaa fi barnoota qofa.

Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa
Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa

Haallli BARAKATII fi BAAHILUU kuni garuu nu hin gammachiisne. Ati dhimma kana irratti maal jetta? kinoo akkuma arginu galgala sa’aa Saddeet booda hulaa nu bansiisu. Dubbisaaf Library keessatti illee hin mul’atan. Akka durii nu waliin haasa’uu fi taphachuun hafee halkan yoo rafnullee yeroo tokko bilbilaan, yeroo kaan immoo dhimma shamarranii otuu haasa’anii nu jeeqaa bulu. Sanitti hin dhaabbanne akka nutilleen garee isaaniitti dabalamnu nu gaafatan argiteetta. Amma maal haa goonu? gorsinee nu dhaga’uu hin dandeenye” jedhee yaadasaa gaaffiidhaan xumure.

BARIISAA-n itti aansee ” dhugaa keessani ani garuu wanta isaan wajjiin walitti nu buusu ta’a jedheen callise malee jalqabuma keessan anatu bare akka jarri sirrii hin jirre. Kanaaf ammallee Otuma karaa wal nu dhabsiisu hin taane, dhimma doormii keessaa haasaa guyyaa orranteeshiinii sana dhaga’aniiru waan ta’eef isuma yaadachiisuu dha. Isa hafe immoo isaanis Hojii isaanii itti Haa fufan nus hojii qabna dhimmi walitti nu fidu irratti waliin dubbanna dhimma biraa immoo wajjiin keessa hin gallu. Kana murtiin koo. Isin murtii kanaan alaa yoo qabaattan naaf qoodaa yaada keessan” jedhee callise. Xumura haasaa isaaniitti sadan isaaniiyyuu yaada Bariisaa irratti Walii galanii gara mana amantaa isaaniitti deeman

Galgala tokko halkan Sanbataa ture. Akka carraa ta’ee BILAAL fi BOONSAA-n fira Boonsaa magaalaa Sabbataa jiru dubbisuuf deeman. BARIISAAN immoo sababa guyyaa Wiixataa qormaata qabuuf jara gaggeessee deebi’ee doormiitti dubbisuu jalqabe. Gidduudhumaan BARAKAT Viidiyoo tiktookii ilaalaa kolfaa doormii rurrukut. ” ‘Ara Sewwoochi kifetuu istii’ ” jedha . BARIISAAnis ka’ee hulaa irraa bane.

Akkuma ol seeneen siree BARIISAA irra taa’ee Viidiyoo ilaalaa kolfa itti fufe. BARIISAAnis ” qormaatan qabaa na hin jeeqin” jedheen. BARAKAT deebisee ” ‘Simaa’ kuni doormiidha malee library miti. Library galii dubbisi ” jechaa itti qoosaa Viidiyoo ilaaluu itti fufe. Otuma ilaaluu tiktookii viidiyoo bama kutaa isaanii keessaa beekuu tokkoo skkuma argeen BARAKAT ” ‘aantee BARIISAA, ishee kana ni beektaa kutaa keessan baratti mitii?” jedhee argisiisa. BARIISAAnis waan jeeqameef “mee?” jechaa ol jedhee waliin ilaaluu jalqaban.

Otuma jarri viidiyoo ilaaluu BAAHILUU-n bilbila BARAKAT irratti bilbilee “Lounge (mana nyaataa dhuunfaa university keessaa ti) teenyee si eegaan jirruu maaliif hin kaastu bilbila?” jedheen. BARAKAT “dhufe dhufe bro anaaf BARIISAA tu doormii jira waliin dhufnu moo akkam silaa? atiif eenyutu jira? ” jedheen. BAAHILUU-N” har’a chiikota keenya sana waliin mucaa bareedduu ajaa’ibaa tokkootu jirti. Jaraa wajjiin akka barbaanutti haasa’uu hin dandeenyu. BARIISAA dhaan buna si affeerraa koottu jedhiin ” jedhee cufate. BARAKAT “Barisaa, haa deemnu har’a mee bunuma tokkollee sihaa affeeru afachu maaliif akkanatti kophaa teessa? BOONSAA fi BILAAL malee nuti hiriyoota keetii mitii?” jedheen. BARIISAAnis akka itti hin mufanneef dafnee deebi’uu qabna Wiixata qormaata qaba jedhee waliin Lounge gahan. BARIISAA’n yoo argu, kaafficha keessa barataan guuteera. Gara qarqara girgiddaatti teessoowwan jiran sassaabee BAAHILUU-n yoo shamarran sadi gidduu taa’ee tokko ofitti aansee rifeensa ishee qaqqabatu, isheen ammoo gateettii isaa irra ciistu arge…. itti fufa…

read more articles Dubartii Mana Isaanitii Baatee Akka Yuunivarsiiti Geyseen Akkaa Malee Mudattee.kutaa 3ffaa

join https://academy.kaayyoo.com

Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa

Kaayyoo Miliqe kutaa 3ffaa

26 views

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *