Kaayyoo Miliqe kutaa 2ffaa
ASOOSAMA: Kaayyoo Miliqe kutaa 2ffaa
Barreessaa: SHAAFII KADIIR
Asitti kan wanti haaraan isa mudate. Bariisaan sana dura biyyaa deemee hin beeku. Naannoo haaraa, namoota haaraa kanneen aadaa fi amantaa gara garaa hordofan waliin jireenya dargaggumaa dabarsuuf qophaa’e. “Iddoo kana maatiin hin jiru. Kan waliin jiraattuu fi si hoogganus sammuu keeti” jedhee itti hime Gaaddisaan. Tokko jedhee jireenya jalqabee, haala university keessatti isa mudatus otuma dhaga’ee beekuu barnoonni jalqabe. Keessattuu ji’oottan jalqabarra jiran lamaaf barnoonni akka ulfaatu waan dhaga’eef halkanii fi guyyaa mana kitaabaa (Library) oola.

Hiriyoota Afur ta’anii doormii tokko keessa waliin jiraatu. BARAKAT, BAAHILUU, BILAAL fi BOONSAA dha.Akkuma jalqaba wal baranii jireenya doormii jalqabaniin yeroo mara waliin deemu. Waan qaban walumaan qooddachaa waliin taphachaa itti fufan. Amma haala naannoo waliin wal baranii hiriyyummaan doormii qofa keessatti daanga’ee ture gara hiriyoota mooraa keessaa qabaachuutti ol guddateera. Hundinuu kutaan itti baratan gara gara waan ta’eef hiriyoota shamarranii fi dhiiraa warra kutaa tokko keessatti waliin baratan hedduu waliin wal baran. Gidduudhuma kana BAREKETII fi BAAHILUUn Hiriyoota shamarranii akka qabatanii fi BARIISAA wajjin wal barsiisanii akka jiran akkasumas Bariisaa, Bilaal fi Boonsaanis akka kana caalaa qofaa hin deemne gorsan. BILAAL fi BOONSAA-n University keessatti jaalala wanti jedhamu kisaaraa jedhanii amanu.
Mucayyoo Hedduu bareeddu Ta takka malee lama hin dubbannee kutaa 3ffaa
Sababa kanaan yaada jara kanaa irraa adda bahuun dura BARIISAA mariisisuu akka qabanii fi kaayyoo dhufaniif qofa irratti xiyyeeffachuu akka qaban irratti walii galan. Galgalli ga’ee irbaata irraa yeroo ba’an BARAKATII fi BAAHILUUn sababa beellama qabna jedhuun isaan gatanii deeman. Warri hafan immoo dhimmicharratti mari’achuudhaaf BARIISAA amansiisanii gara teessumaa deeman. University Finfinnee mooraa Caffee Araaraa (Siddis kiiloo) keessa iddoo boqonnaa tokko kan magariisa teessumaaf mijatu tokko bira akkuma gahaniin iddichatti maqanii gad taa’an. ~Yeroon Kuni sa’aatii 11:30 ta’a. Aduun lixuuf yeroo muraasaatu hafa. Yeroo kanatti ifti Diimaan aduurraa dhufu bifa Magaalaa Finfinnee jijjiiree nama hunda abjuu seensa aduu keessa galcheera~.
join https://academy.kaayyoo,com
Iddoo kanatti BOONSAA fi BARIISAAN bitaa fi mirgaan taa’u. BILAAL gidduu isaanii taa’ee akkas jedhaan “Bariisaa, har’a kan asitti si waamneef, dhimma tokkoofi. Sadan keenyayyuu akkuma beektan……….itti fufa…
Kaayyoo Miliqe kutaa 2ffaa
Kaayyoo Miliqe kutaa 2ffaa