June 5, 2026
Kaayyoo Miliqe kutaa 1ffaa

Kaayyoo Miliqe kutaa 1ffaa

Barreessaan: Shaafii Kadiir Durrii

#KUTAA_1FFAA

Barri isaa akka lakkoofsa Habashaatti bara 1993 ture. Magaalaa xiqqoo Baha Oromiyaa Awwadaayi jedhamtu keessatti dhalate. BARIISAA jedhama. abbaan isaa obbo Magarsaa Caaliin, Lixa Oromiyaa Wallaggarraa hojiif gara Bahaa yeroo deemetti, haadha Bariisaa Faaxumaa Sa'iid waliin wal fuudhan. Abbaan Bariisaa daldalaa jimaa magaalaa Awwadaayi irraa gara Jijjigaa achiis gara Somaalii-laandiitti geessuun hojjeta. Haati isaammoo giddugala daldala gabaa qaraxarraa bilisaa DIRRE DAWAA argamutti itti gaafatamtuu meeshaalee dheedhii Jibuutirraa galaniiti. 

Kaayyoo Miliqe kutaa 1ffaa

Bariisaan maatii isaanii keessaa sadaffaa yoo ta'u shamara lamaafi dhiira tokkotu isa dursa. Walii galli obboloota isaa torba yoo ta'u, shamarran sadii fi dhiira afur turani. Obbaleeyyan sadeen isaan duraa kan shamarranii: Caaltuu, Ikraamii fi Seenaadha. kan dhiiraa Isa duraa tokkichi Gaaddisaa jedhama. Obbaleeyyan Isa booda jiran immo dhiira lamaafi shamara tokko yoo ta'an isaanis; Shariif, Ibsaa fi Hikmaa jedhamu wal duraa duubaan.

Maatii isaanii keessaa bariisaan nama irra bareedaa dhaabbii, fuula, tasgabbaa'aa fi yeroo hedduu dhaggeeffataa gorsa maatii ture. Mana isaanii keessatti rakkoon yoo uumame akka jaarsaatti dubbatee wanta inni murteesse maatiin hunduu irratti walii galu. Sababa magaalatti dhalateef barnoota KG yookiin oolmaa daa'immanii seenee barachuuf carraa waan argateef barnoota isaatiin akka malee cimaa ture. Kutaa tokkoo kaasee hanga saddeetiitti tokkoffaa bahaa,  qormaata naannoo yookiin Ministirii qabxii ol'aanaadhaan xumure.

Read more posts

Obbaleewwan isa dura jiran ilaalaa, waan isaan hojjetan yaalaa waan guddateef qaroo akka ta'uuf sababa ta'e. Egaa akkuma kutaa kanarraa gara isa kaaniitti darbaa deemu umriin isaatis gara dargagummaatti siqaa deeme. Bariisaan gaafa kutaa sagal gahu barataa umrii kudha shanii yeroo yuunifoormii surree magariisa shamizii adii waliin uffatee rifeensa luuccaa sana gam tokkotti ciibsee karaarra yoo deemu shamarran otuu isa eeganii kufanii caban lafti haa lakkaa'u.

Daree keessatti barataa jabaa ta'uu isaa, bifaa fi amala isaa ilaalanii maqaa masoo HUNDAAN jedhuun waamaa turan hiriyoonni isaa. Hundaan jechuun nama gara hundatti cimaa ta'e jechuudha. Gaaddisaan isa dura waan jiru itti himaa, wantoota barnootarraa isa jeeqan akka hin raawwanne waan akeekkachiisuuf barnoota qofarratti xiyyeeffata ture. Dheekkamsi obboleessa isaa yeroo inni waan sirrii hin taane hojjetuu fi dandeettiin dura qabu fedhii cimaa barnootaaf akka qabaatu taasise. haaluma kanaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumuruun qabxii ol'aanaadhaan mana baruumsichaarraa badhaasa argatee Yuunivarsitii Finfinnee gale. Asitti waan haaraan isa mudate....ITTI FUFA....

Join Kaayyoo Academy

Kaayyoo Miliqe kutaa 1ffaa

Kaayyoo Miliqe kutaa 1ffaa

83 views

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *