Dubartii Mana Isaanitii Baatee1
Dubartii Mana Isaanitii Baatee1
â—ŹAni hangaan mana keenyaa bahee Yuunivarsiitii gayutti takkaa mana kenyarraa bahee bakka biraa bulee hin beeku.
Arra garuu bakka biraa buluu bira kuteetiin mana kenyarraa fagaadhee jiraachuuf deema. Sababni isaas an kutaa kudha-lama fixee waaniin dabreef Yuuniversitiin seenuuf deema. Yuuniversitii hoggaa seentu namoota gara garaa kan takkaa wal argiitee hin beynee waliin galta. Anis hoggaan dormii tiyyaa seenu akkasumaatu na mudate. Dormii tiyya keeysa joollee lama tan muslimaa wajjin geelee taane.

Joolleen lamaan tun immoo bakka takkaa dhufan na duraa wal beekan jechuudha. Isaan kun lamaan nama dafee namaan walii galu [nama dafee nama wajjiin wal baruu]. Isaan kun ni taphatan, ni koflan an garuu faallaa kanaa nama calliisaa , nama soodaataa , nama hedduu namatti dhihaachuun itti ulfatuun ture.
Ani yeroo hedduu masjiidaa fi doormii keysa taa'ee qur'aana qara'uu fi maatii kiyya bilbilaan dubbisuun heddumeysa. Isaan garuu akkaan taa'uu hin qabnee fi isaanii wajjiin gad bahee daddeemuu qabu natti himan. Aniis guyya guyyaa isaaniin wajjiin daddeemuun murteeyse.
San booda guyyaa guyyarraa tahe tokko isaan wajjin baanee osoo deemnuu, joollee dhiiraa takkaan walittii dhufne. Garuu joolleen geelee tiyyaa lamaan tun joollee tana wajjiin waal beekan turan. wal dubbisanii wajjiin deemuu eegalan. An akkaa malee qaanfadhee isaan waliin deemuu sodadhe. suutaa isaan booda dhadhaabachaa deemuu eegaale. Yeroo kana isaan kessaa mucaan tokko yeroo hedduu gara galee of dubattii na laaluu baay'ise.
San booda gurbaan kun dhaabbatee na egee maal taate ? maaliif kophaa deemta? Maalif nu waliin hin demne ?je'ee na gaafate.
Aniis useetumaan lakkii an dhiira wajjiin kararra deemuun nattii ulfaata sanuumafi malee humaa hin taaneen je'en. San booda gurbaan kun hayyee dhiifaama naan je'ee Maqaa isaa nattii himee akkana naan je'e.
Ani barataa waggaa sadaffaati yoo wanni si dhibu jiraatee bilbila kanarrattii naaf bilbili je'ee of duubatti na ilaalaa na biraa kutee, joollee biratti deebi'e. Guyyaa ittii aanu naaf bilbilee waaniin si gargaaru hin arkannee ? Naan je'e . Aniis hay bilbila kiyya eysaa argatte ?
Kutaa 2ffaa....itti fufa.....
Dubartii Mana Isaanitii Baatee Akka Yuunivarsiiti Geyseen Akkaa Malee Mudattee kutaa 1ffaa
joinHttps://academy.kaayyoo.com
read more it Dubartii Mana Isaanitii Baatee Akka Yuunivarsiiti Geyseen Akkaa Malee Mudattee.