April 15, 2026

Maaliif Salaanna kutaa 1ffaa. Gurbaa tokkotuu obbolessa isaa kan isarraa guddaa gaafii aja’iiba gaafatee.gurbaan kun barnoota kutaa 8ffaa barata.

Maaliif Salaanna kutaa 1ffaa
Maaliif Salaanna kutaa 1ffaa

Akkana je’ee obbolessa isaa gaafatee saa nutiin kun maaliif barannaa? Faayidaan barumsaa maalii jechuun isaa gaafate .

Yaadii gaa gurbaan kun hangaa kuttaa saddeetaffa gayuuttii maaliif akkaa barachaa jiruu hin beekuu jechuudha.Dhugumatti irraa hedduun nama maaliif akkaa baratuu hin beekuu mee naa faanaa bu’aa waan aja’ibaatiin isiniif himuu deemaa.Gurbaan xiqqaan obboolessa isaa gaafii jabduun qabee maalii faayidaan barnootaa je’ee gaafatee. Nama hedduu maalif barattaa je’aanii isoo gaafatanii baradhee yeroon xumuree hojiin argadha, jiruu tiyyaan ittin foyyeefadha kanaafin baradhaa sin je’a.

Obboleessii guddichinis deebumaa kana fakkatu deebiseefi dhugumatti kaayyoon barnoota kana ? Waanti anii irraa dubbachuuf deemuu dhimmaa barnootaatii miti waan sanirraa guddoo irraahin dubbachuuf deemaa. Maaliif salaannaa? kaayyoon salaata maali? Rabbiin maaliif salaata nun je’ee akkaa nutii azaaba qabriitti hin gubanneefi moo akkaa rabbiin nun jibbineefi moo qixaaxaa rabbirraa nuttii dhufu jala bahuuf salaannaa? Moo akkaa islaamummaa kessaa hin baaneef salaannaa? Mee atii maaliif salaattaa? Deebisaan kee maalii.?

Wantii asii olitti dubbanne hundii isaatuu sirriidha qixaaxaa rabbii sodaaf, akkaa rabbiin nun jibbineef, akkaa islaamummaa keessaa hin baaneef salaatuun sirriidha. Namanii salaata dhiisee wannii asii olitti dubbanne kun hundii isaa biratti walitti qabamuun beekamadha.

Ammaa asitti dubbii jabduu tokkoon isinitti himuuf deemaa mee barattootaa lamaan kana wal madalchisaa laalaa barataa sodaa maatitiif baratuu fi barataa ofii isaatiif jaalatee barnoota isaa baratuu wal madalchisaa.

Barataan baranoota jaalatu gammachuu qaba, yeroon gara mana barnoota deemaa, yoo achii galees waan baratee irraa debi’ee dubbisaa. Barnoota fi barsiisaa isaatiis nii jaalata barataan kuun kun immoo hangaa barmusaa xumuree gara mana galuuf jarjara, yeroo manattii galuu dabtaraa isaa lafattii darbee bira deemaa, hojii manaatis guyyaa ittii aanuu daree keessatti hojjeta. Ammass ittii fufnee hojjataa hojii isaa mindaaf jechaa hojjetufi hojjetaa hojii isaa jaalatee hojjetuu waal bira qabnee haa ilaallu.Inni hojii isaa jaalate hijjetu kun hojii isaa boonsee hojjeeta , dhaabata keessaa hojjetuu saniis guddisee ofii isaatifillee guddaata mindaan isaatiis guyya guyyaan dabalamaafi deemaa inumaa badhaasa dabalataas ni argaata , sadarkaan isaa hangaa hoggansattii ol guddatuufi dandaaya.Immoo hojjetaan mindaa qofaaf hojjetuu hojii isaa hin jaalatu , dhaabata keessaa hojjetuu saniis hin jaalatu, waan hojjetuus qulqullinaan hin hojjetu sababa kanaaf waa hedduu balleessaa oolaa darbee sababa laafina isatiirraa kan ka’ee dhaabanni suniis waa hedduu kasaruu dandaya.

Isaallee guyya guyyaan waraqaan itti barreefama sababuuma kanaan hojii sanirraa arihaamuu dandaaya. Gartanii mee garagarummaa nama hojii isaa jaalatee hojjatuu fi jaalatee hin hojjanne….

kutaa 2ffaa…..itti…. fufaa

Maaliif Salaanna kutaa 1ffaa

Maaliif Salaanna kutaa 1ffaa

join Kaayyoo Academy

Read another articles

15 views

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *