Maaliif Salaanna Kutaa 2ffaa. Rabbiin guddaan qura'aana keessaatti yeroo hedduu wa'ee salaata irraa dubatee , bakkaa heddutti ergaa wa'ee salaata dubatee boodaa itti aansee wa'ee zaka dubbata. Bakkaa muraasattii ammoo faayidaa zakaan adduunyaa tana gubbattii qabduu nuuf himee jira.

Rabbiin suraatu xaaha Aayata 14 irratti ajaja guddaa Nabii muusaaf[AS] dabarsee.إِنَّنِىٓ أَنَا ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعْبُدْنِى وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكْرِىٓ Dhugumatti ani Allahdha, haqaan gabbaramaan ana malee hin jiru.Ana gabbari!Salaatas dhaabii salaati , yaadannoo tiyyaaf!Gaafiin guddoon nutii wal gaafachuu qabnuu tana maaliif salannaa ? Yaadannoo tiyyaf nu jedhee rabbiin. Yoo salaattee naa yaadata yoo naa yaadatte ajaajaa kiyyaa jala deemta, yoo ajaajaa kiyyaa jala deemte milkoofta jechuudha. Formula dubbii tana argiitaani yoo jiruu tee keessatti waan gaarii arguu feete rabbii kee yaadadhu, rabbii kee yaadachuuf ammoo salaatii salaata saniin ni'imaan rabbii biraa taatee siif dhufti , salaata saniin toltuun si qunnamtuu hundii siif dhufti. Toltuu salaatatiin jiruun tee sif toltii jechuudha Sub-haan Allah.
Ammaas Aayata biraa ilaalla. Aayata duraa keessaatti rabbiin Nabii muusaatti ajaajaa kennee Amma immoo caalaa anbiyaa Nabii Muhammad tti ajaajaa guddaa kennee.Suraatul Al Ankabuut Aayata 45 irrattii akkana je'een:ٱتْلُ مَآ أُوحِىَ إِلَيْكَ مِنَ ٱلْكِتَٰبِ وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَۖ إِنَّ ٱلصَّلَوٰةَ تَنْهَىٰ عَنِ ٱلْفَحْشَآءِ وَٱلْمُنكَرِۗ وَلَذِكْرُ ٱللَّهِ أَكْبَرُۗ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ مَا تَصْنَعُونَ
Yaa Muhammad: kitaaba sittii buufaameerra qara'ii! Salaatas qajeelchi salaati!dhugumatti salaanni wantoota fokkoto gi jibbamoo irraa si dhorgiti. Zikriin Rabbii waa hundarra guddoodha. Rabbiin waan isiin hojjetaan hundaa beekaadha.
As birattiis waan addaa tokkoon isiniif himuuf deemaa yoo bakkaa iddoo xurawaa tokkoo deemtee fooleen gaarii hin taanee takka si seente akkam taata ? Bekkamadha ni haxxiifata kana jechuun ammoo waan fayyaa keenya miidhuu wahiitu bakkaa saan jira jechuudha.
Qaamni keenyaa waan gara funyaanitiin seene ofirraa baasuuf haxxifata, sombii qilleensa qulqulluu malee waan alarraa seenuu kaan bira hin beekuu waan ta'eef irraa dedeebinee haxxifanna yeroo xiqqoo boodaa ni dhiifna.
Foliin hamaan suniis xiqqaata deema inumaa turtii xiqqoo booda ni irranfannahuu akkaa waan qaamnii keenyaa foolii san irraa bada taheefu qophawee fakkatti. Fooliin hamaan an dubbachaa jiruu foolii funyaaniin seenuu miti dili nutii yeroo hedduu cuuphannee keessaa oollu irraahin dubbachutti jira.....
kutaa 3ffaa.....itti ...fufa
Maaliif Salaanna Kutaa 2ffaa
Maaliif Salaanna Kutaa 2ffaa
Join Kaayyoo Academy
Read More articles