June 5, 2026
Seenaa intala jannataa

Seenaa intala jannataa

Seenaa intala jannataa. Aalimni guddaan ummata Kanaa Abdallaa Bin Abbaas  (Radiyallaahu Anhu) guyyaa tokko osoo barataa isaa Axaa'a Bin Abii Rabaah wajjiin deemu akkas jedheen: Yaa Axaa'a har'a intala jannataa takka sitti agarsiisuu ? jedheen.

Axaa'a:-Essa jirti eyyeen nattii agarsisii jedheen.

Ibnu Abbaasilleen:- Kunoo intala bifa gurraattii tana argitaa? isii tana. Intalti  tun guyyaa tokko Ergamaa Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam bira dhufte yaa Ergamaa Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam ani dhukkuba gaggabduutin  qaba (of wallaaleen lafatti kufa) yeroo sanatti uffanni qaama koo irraa saaqamee qaamni kiyyaa narraa mul'ata. Mee akka dhibee kanarraa fayyu Rabbii kee naaf kadhu jetteen.

Ergamaan Rabbiitis Sallallaahu Aleeyhi Wasallam yoo fedha keetiin balaa tanarratti obsuu filatte Jannata argatta.

Yoo fayyaa feete ammoo Rabbiin akka si fayyisu nan kadhaa jedhaniin. Isiinis yaa Ergamaa Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam balaa dhukkuba kanaa nan obsa garuu yeroon kufu san akka uffanni koo narraa hin saaqamne Rabbii naaf kadhu jetteen. Achumaan inins  Rabbii kadhattefi.

"Dubartiin tun guyyaa san booda hoggu kuuftu huccun irraa saaqamette hin beyyetuu" jechun warri seenaa isii gabasaanArgiitanii raajii Ummu Zufaraa?dhukkuba caala uffanni isi irraa saaqamutu isii yaaddesse! Kan dhibee isii hin dhibne.Dhibeen isii qaamni isii mul'achuudha! Qalbii qabaachu fi imaanaa qabaachu isiitirra.

Shamarran gariin osoo fayya qabduu qalbii dhabuudhaan Qaama isii hijaaban hin sattartu. Taan bakka dhiira hedduuti qaama isii bantee of garsiisaa deemtii,taan suuraa ofi kaastee addunyarratti of qooddii,taan miidhagina isiiti gabaa show irratti ofi gurgurtii Yaa Subhan_Allah.

Qaama ofii mul'isuun dilii gudoodha. Badiin dubartotta isii hordofanii, tan dhiirti isii laaltee dilii seentuu, tan namonnii garagaara suuraa isii Soshaal midiyaa irrattii qoodaan Hundii isiidhaa isirratti deemti /isirratti barreeffatti.Waan ajaja Rabbii faalleessiteefis Mu'umintoota biraahillee kabajaa fi ulfina dhabdi.

Rabbiin Dubartoota Islaama hunda of barsiisee, Hijaaba uffachuu isaanif ha laaffisu.

Hijaabni kee irraa caaltu uffata keetitii jabeeffadhu uktii!

Join https://academy.kaayyoo.com

read more it Maaliif salaanna kutaa 4ffaa

10 views