Dubartii Mana Isaanitii Baatee
Dubartii Mana Isaanitii Baatee
Anis hay bilbila kiyya eeysaa argatte je'eetiin gaafadhe? Innis geelota kiyyarraa akka fudhate naaf hime. Anis isaaniin bilbila kiyya dhiiraaf hin kenninaan je'eenii isaan maaliif kennaniif je'eetiin geelota kiyya gaafadhe.
Isaaniis bar mucaan kun nama nagaayatii akka dhiira biraatii mitii naan je'an. Osoo akkatti jirruu guyyaan hangi tokko ni deeme, anis fresh waaniin ta'eef yeroo waa na mudatan ittiin bilbiluu ture.

Innis waaniin an isa gaafadhe hunda haala gaariin na gargaara. Akkaa malee waa hedduu takkarratis na gargaara, akkasumaa yeroo yeroos naaf bilbila.
Osumaa akkanatti jirruu guyyaa tokko naaf bilbilee arraan tana anis sittiin haajame je'e naa gaafatee? Abshiir humaa sin gargaara waanumaan dandaayu taanaanin je'een.
San booda yeruma san Bakka akkanaa koottu je'ee naa yaame. Anis hayyee je'eetumaan bakka inni ittii na yaame san dhaqe. Hoggaan dhaqu hayyee maal haajamte je'eetiin gaafadhee? Innis xiqqoo usee qoy gaa siifiin hima nan je'e.
Eega xiqqoo teenye booda akka na jaalatu fi akka hoggaa eebbifame anis eebbifame na fuudhuu fedhu naaf hime. Anis rifadheetumaan osoon waan takka hin deebisiniif ka'ee biraa kute.
San booda geelota kiyya bira dhaqeetiin waaniin tahe kan hunda ittii hime. Isaaniis irraa qeebali, nuutu beeka mucaan hedduu nama nagaayaati nan je'aan. Garuu an jecha isaanitiis hin dhageenye useetumaan itti dhiisee gurbaan itti yaadeetiin siif hima je'ee ofirraa calliise.
Garuu lakkuma deemnuun akka malee walittii dhihaachuu egallee , akka inni itti na kunuunsu, akka inni itti jaalala naaf kennu takkaa jaalala akkasii san maatii tiyyarrahu arkadhee hin beeku. Dhugaa dubbachuuf maatiin kiyya haalaa bareedaan nala haa guddisanii malee namni akka na jaalatu natti himu hin jiru ture. Jolleef fuula hin kennanii fuula hin kenninaaf jechaati naa guddisaan......
👇kutaa 3ffaa......... itti..fufa..
Dubartii Mana Isaanitii Baatee Akka Yuunivarsiiti Geyseen Akkaa Malee Mudattee kutaa 2ffaa
Joinhttps://academy.kaayyoo.com
read more it Dubartii Mana Isaanitii Baatee Akka Yuunivarsiiti Geyseen Akkaa Malee Mudattee.kutaa 3ffaa