April 15, 2026
Mucayyoo Hedduu Bareeddu

Mucayyoo Hedduu Bareeddu

Mucayyoo Hedduu Bareeddu. Ganda xiqqaa tokko kan gaarri hedduun isaan marseetu ture.
Ganda xiqqaa kana keysa manguddicha qotee bulaa tokkootu  jiraata. Manguddichi kun Abbaa dubra sadihiiti.dubri sadeen kun hedduu babbareedan akkasuma haala gaarii irratti isaan guddise hanga isaan umrii heerumaa  gahanitti.

mucayyoon hangafaa  hedduu bareeddi.Bareedinni isii qalbii namootaa haalaan fitti harkisa  Maqaan isii "Batuun" jedhamti.akkasuma batuun haalaan faxina,garuu munguddicha(Abbaa isiitti) mataa jabaatti.Obboleewwan isiitti Haalaan falmii heddummeysiti,Waan takka jatte lammata irra hin deebitu! Haalaa fi akka isiin barbaaddetti waliin jiraatan Batuun(Nama of dhaadu) tahuu isiitu mullata.mana  isaanii yeroo hunda jeequmsaan jiraatan.Haaluma kanaan osoo jiraatanii ganda keysa oduun oowwituu fi dhagahuun gurraaf gaarii takka facaate.

Mucayyoo Hedduu Bareeddu
Mucayyoo Hedduu Bareeddu

Oduuniis tana "Batuun tun Ta akkaan bareeddu tahuu isiiti" Dargaggoon oduu tana dhageyu hundi! Dhaabbatee qalbitti if hasaasa.hundi dargaggeysi oduu tana dhagahuu osoo tiyya taatee ja'eeti hawwa. Hawwii qofaa miti argatuufiis ni xaara.Guyyaa tokko hulaan mana manguddichaa dhadhawamte,yeroo irraa banan! Ilma dhiiraati,sanuu dargaggeeysa! Manguddichi dhaabbatee simatee mana keysa bakka bareedduu geysuun waliin haasawa jalqaban.

Dargaggeysi kun akkuma haasawa jalqabaniin akkana jechuun manguddichatti dubbate! Abbaa yoo naaf hayyamte mucayyoo tee hangafa(Batuun) akka natti heerumsiiftuun (haadha mana kiyyaa ) akka naaf taatuun barbaada! Jedheen. Manguddichi ni gammade,intala isaa  gaafachuu caalaa! Mucayyoon dargaggeysi barbaadu guddoo san tahuutu jaarsa gammachiise!

Sababni mucayyoon hangafaa san daftee aarti,sababa isii manni  nageenya dhabe arra nageenyi  waan bu'uuf deemu fakkaata.Garuu mamguddichi nama gaarii ture! Waa takka osoo irraa hin dhoysin, Haala mucayyoo isaa guututti itti hime.
Akkana ja'ee gurbatti hime,Batuun tiyya haalaan bareeddi garuu Batuun nama dafee aaru,nama nama hin dhageeffanne tasii malee ta nama biraatiif gurra akka hin kennine fi isii wajji jiraatuun haalaan akka jabaatu itti hime! Yoo ati wajji jiraachuuf obsa qabaatte an siif kannuuf qophiidha ,garuu "gabbarri" isiitiis haalaan ka dubra kaanii irra qaalii tahuu itti hime!

Dargaggeessi kuniis itti yaadee murteysuu akka qabu dubbatee ka'ee deeme.garuu dargaggichi kun nama tasgabba'aadha akkasuma jireenya tasgabbii barbaada deemaa jira! Batuuniis faallaa amala isaa tahuu wajji gabbarri isiilleen qaala'uun ijoo takka.gurbaan  yeroo muraasa booda murtee dhumaa irra gahee gara manguddichaatti deebi'e! Maaltu ta'uuf deema.  ….kutaa 2ffaan itti fufa

mucayyoo Hedduu Bareeddu Ta takka malee lama hin dubbannee kutaa 1ffaa

joinhttps://academy.kaayyoo.com

Read more it Mucayyoo Bareedduu! Ta takka malee lama hin dubbannee kutaa 2ffaa!

33 views