April 15, 2026
Mucayyoo Bareeddu

Mucayyoo Bareeddu

Mucayyoo Bareedduu seenaa ajaa'ibaa kutaa...........Dargaggichi deebi'ee dhufe,gurbaan nagaya jaalata Batuun faallaa isaati murteen gurbaa  batuun ofirraa dhiisee intala walakkaa,obboleettii batuun akka fuudhuuf manguddicha gaafate! Jaarsi gara laafessa iintala isa ni kanneef, akkasuma murtee dargaggichaattis ni gammade! Sababni haalaa fi amala mucayyoo isaa waan beekuuf,mucayyoon haala gaarii qabdi Batuuniin faallaa tahuutu mullata!

Mucayyoo Bareeddu
Mucayyoo Bareeddu

Garaa tokko keessaan argamaniis Amalli gargari! Mucayyooniis hayyamtee heerumte! Amma Aruuza godhaniifii haala gaariin jiraachuu jalqaban. Torbee lama booda ammaas gibbiin manguddichaa dhadhawamte irraa bannaan arraas dargaggeessa! Kunis Fuudhuu akka barbaadu fuularraa beekkama.kunilleen Batuun barbaada dhufe! Batuun baayyee  akka bareedduu fi bareedinaan qalbii dargaggeysa hedduu akka boojitu kutaa darbe keessatti dubbannee jirra!

Itti fufi........

Gurbaan seenee manguddicha biraan taa'ee Batuun fuudhuu akka fadhuufi jaarsi akka kannuuf gaafate. Jaarsi akkuma gurbaa duraa amala mucaa isaatiifi gabbarri batuunis ka warra kaaniirra qaalii ta'uus gurra buuse.

Kun gurbaan nama dafee ammumatti yaada jijjiiru,itti yaaduuf ja'ee yeroo osoo hin fudhatin yeruma san yaada isaa jijjiiruun mucayyoo jaarsaa tiqqoo(quxxisuu) akka fuudhuuf jaarsa gaafate!
Jaarsi gara laafeessa janneemi ree,Hayyameefii kenneef! Mucayyoonis hayyamtee heerumte! Aruuza godhatanii jireenya jalqaban!

Amma kheessumummaan mana manguddichaatti dhufte Batuunii fi Abbaa isii qofaatu waliin jiraata! kanuma qophaa jiraatanillee yaa'ii dhiisuu didde batuun amala ulfaataa qabdi.obboleewwan isii kan irra titiqqaa lamaanuu heeruman!

Batuun qalbiin cabxee kophaa isii abba wajji jireechuu itti  fufte!

Guyyuma guyyaa irraa tahe ammallee gibbiin jaarsaa dhadhawamte jaarsi ka'ee yeroo gibbii banu arraas dargaggeeysa ajaa'ibaa ,bareedaa qacalee tokko arge! Akkuma bifti isaa addaa Gurbichi kun warra naannawa gandaa kana irraa amalaaniis adda! Akkuma aadaa isaa jaarsi arrallee mana ol-galchee haasowsisuu jalqabe! maal haajamte ? jechuun gurbaa gaafate! Inniis Abbaa yoo naaf hayyamte intala tee "

Batuun

" akka naaf kennituun barbaada ja'ee qilim gedhee  gurra jaarsaa  buuse!

Jaarsi A'aa jechuun akeektuu quba isaa lule!
Jaarsi gara laafessa tahee osuma jiruu arra waan garaa jabaate fakkaata... itti fufa

Mucayyoo Bareedduu! Ta takka malee lama hin dubbannee!

Mucayyoo Bareedduu! Ta takka malee lama hin dubbannee!

Read another article

Join Kaayyoo Academy

23 views