April 15, 2026

Maaliif Salaanna Kutaa 3ffaa……… dili nutii yeroo hedduu cuuphannee keessaa oollu irraahin dubbachutti jira. Silkii kessaa waan fokkotatuu jira, yeroo mana baanus waan fokkota agarra. Yeroo ammaa kana adduunyaan waan fokkota hedduun laaqamtwe jirti inumaa gariin nama dalagaa fokkotu hundaa akkaa waan hamattii laaluu dhiiseeti jira.

Maaliif Salaanna Kutaa 3ffaa
Maaliif Salaanna Kutaa 3ffaa

Akkuuma funyaan nama foolii fokkota saan qamattii qabatee irraanfatutti qalbiin tenyaas yoo dili keessaa cuuphamtee qaamatti fudhatti. Inumaa dili sanirraa caaluttii deemti. Wantii immoo kanarraa hama munkara.

Munkaraa jechuun ammoo wantoota akkaa shirkii fi diin keysaa bahuufaadha. Guutumattii waan islaamummaa keessaa nama baasuu jechuudha. Salannii munkara irrahiis si dhoorkiti. Ammass faayidaa salaata guddoo takkaan isiniif himaa Rabbiin qura’aana suraatul Al Ma’arij Aayata 19-23 keessatti akkana je’a:

إِنَّ ٱلْإِنسَٰنَ خُلِقَ هَلُوعًا

Dhugumatti ilmi nama kan obsaa hin qabnee tahee Uumame.

إِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ جَزُوعًا

Yoo hamtuun isaa tuyxee ni hiraara.

Maalii diliin tiyyaa rabbiin maaliif rakkoo akkana kana nattii fida sahibbaan kiyyaa vi8 oofaan , kuun biillaa qaba anii immoo kophumaa gaarii takkaahu hin qabuu san gubbaan jiruun tiyyaa guutun halkaaniifi guyyaan qormaata maluuma diliin tiyyaa jedhe halkaani giyyaa hiraara.

Bodarraa immoo rabbiin jiruu irraa jijjiree ittii baldhisa. Qananii isaarraa taatee ittii roobsee ala mana isaa toltuun guuta. Gaafaa kana immoo namnii kuun maal taha

وَإِذَا مَسَّهُ ٱلْخَيْرُ مَنُوعًا

Gaafa toltuu itti roobdee ammoo ni qorqoda.

Yoo Rakkatan dhufee gargaarsa gaafate duniyaa tana laaftuttiin fidee sitti fakkaata halkaaniifi guyyaa hirriba ittii dhabeen , dafqaa kiyyaa gad naqee fide taphatin fidee seetaa saahibi fayyaa qabdaa na duraa gorii deemi dalagadhuu jedhe miskinaa rakkate ittii dhufee ariha.

Achii booda rabbiin warraa waan kanarraa qulqulluu addaa baasee dubbate.

إِلَّا ٱلْمُصَلِّينَ

Warraa salaatu malee.

Warraa haalaa kamiin salaatu?

ٱلَّذِينَ هُمْ عَلَىٰ صَلَاتِهِمْ دَآئِمُونَ

Warraa salaata isaanii walitti dhaabanii salaatan malee.Warraa gaafa ittii tolee salaate gaafa fedhe dhisuu miti. Warraa yeroo hundaa waqtii isaa eegatte salaata ruhii qabduu walitti dhaabee salaate jechuudha.

Haala kanaan salannii ruhii qabduu qorqooda fi hiraara irraahis nama tiysitii jechuudha. Jalaqabaa akkumaa laaleetti rabbiin Nabii muusaa hoggaa ajaajuu yaadannoo tiyyaaf salaatii je’e ajaajee.

Faayidaa salaata keessaa tokkoo Zikrii rabbiiti.Aayaata itti aanuu keessaatti hoggaa rabbiin Nabii Muhammad ajaajuu salaanni fahasha’a fi munkaarata irraa nama dhorgiti je’en. Tunis faayidaa guddoo salaanni qabdurrahi.

Sadaffaa irratti immoo salaanni hiraari fi qorqooda ykn doqnuummaa irraa nama tiysuu isi ilaallee …

Kutaa 4ffaa…itti.. fufa

Maaliif Salaanna Kutaa 3ffaa

Maaliif Salaanna Kutaa 3ffaa

Join Kaayyoo Academy

Read More articles

13 views

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *