Seensa barataa kaayyoo. Akkam jirtan maatiiwwan marsariitii Barataa kaayyoo? Nagaa keessaanii? Alhamdulillaah. Hundi keessanuu baga nagayaan gara marsariitii keenyaa dhuftan isiniin jechaa har'a fedhii Rabbiitiin gargaarsa isaatiin mata duree ijoo Barataa Kaayyoo jedhuun barruu gabaabduu kana qabannee isiniif dhihaannee jirra.

Hanga xumura barruu kanaatti nu faana bu'aa isiniin jechaa, amma kallattumaan gama barruu keenya har'aatti haa dabarru. Nu faana bu'aa.
Addunyaa har'a keessa jiraachaa jirru kana keessatti jecha namoonni baay'een irra deddeebiin dubbatan keessaa hangafni jecha kaayyoo jedhuudha. Keessumattuu dargaggootaa fi shamarran - Warreen umrii abiddaa keessa jiranii fi humna oomishaa tahan - addatti ammoo barattoonni qaamni boru biyya tajaajiluuf of qopheessaa jiran, amma amma deddeebi'anii kan isaan dubbatan jecha Kaayyoo jedhu kanadha. Osoo ati hin gaafanne kaayyoon qaba siin jedhu.
Dhugaadha namni hundi akka mataa ofiitti haa xiqqaatu haa guddatu, kaayyoo dhuunfaa isaa ni qaba. Namni kamiiyyuu hanga biyya lafaa kanarra dhufetti kaayyoo milkeessuuf dhufe, waan addunyaaf gumaachuuf dhalate kan dhaloota ittiin fayyadu qaba. Akkuma dandeettiin Rabbi nuuf kenne wal dhabdutti kaayyoon keenyas wal dhabdi. Kaayyoon dhalli namaa akka walii galaatti gara addunyaa dhufeef wal fakkaataa tahus sanii gaditti nu hundi kaayyoowwan gara garaa qabna. Kaayyoon guddichi ilmi namaa gara biyya lafaa dhufeef Rabbi gabbaruu dha.
Amma gama barataatti yeroo dhufnu, barataan kamiiyyuu akka barataatti Kaayyoo mataa isaa kan dhugoomfachuuf carraaqu qaba. Gaafa daa'imummaa irraa barnoota keenya eegallu irraa kaasnee kan nu waliin guddaachaa dhufe, kaayyoo keenya kan yeroo hundaa akka ifaatti nu duraa mul'atuutu jira. Gaafa joollummaa kan barums barannu ni yaadattan yoo tahe yeroo barsiisonni keenya fuuldura maal tahuu barbaadda jedhanii nu gaafatan, gariin keenya Doctor, gariin ammoo Engineer, gariin ammoo Barsiisaa, gariinis hoogganaa akka tahuu barbaannu itti himna.
Barataa Kaayyoo (Seensa barataa kaayyoo)
Hubadhu yeroo sanitti malummaa Doctor , Engineer fi Barsiisaaa gad fageenyaan beekuu baannullee garuu fedhiin keenya gara sanatti nu harkisa. Egaan kanatu kaayyoodha. Humna dhokotaa keessa keenya jiruun irratti hojjachuuf fedhii fi dandeettii ol'aanaa kan irratti qabnuutu booda deemee deemee kaayyoo keenya taha jechuudha. Eega haala kanaan waa'ee kaayyoo keenyaa yaadaa, kaayyoo keenyaaf abjootaa guddannee dhumarra gaafa barnoota keenya kutaa 12ffaa xumurree gara dhaabbilee barnoota ol'aanootti makamnee qalbii tokkoon gara kaayyoo keenya isa hangafaatti deebina. Inni sanaan dura barumsa gosa garagaraa hedduu iddoo tokkotti barachaa turre gara muummee barnootaa tokkicha filannee - kan kaayyoo keenyaa sanaa - tti jijjiiramuun barumsa wal fakkaataa fi qabiyyee walitti dhihaatu qabanitti nuuf jijjiirama.
Amma asirratti kaayyoo keenya kana akkamitti milkeessina kan jedhus gaaffii guddaadha. Mooraan Yuunivarsitii akkuma wantoota gaarii of keessaa qabaatee nama gaarii akka ati taatuuf haala siif mijeessuu, wantoota gaarii hin taaneefis iddoo haalli itti siif mijatuudha. Umrii dargaggummaa keessa jirtuu waliin maatii kee irraa fagaattee biyya namni si beeku hangas mara hin jirre dhaquun mataan isaatuu qormaata. Kana keessatti akkamitti sochoona, akkamitti fitnaa jalaa nagaya baanee milkoofna, akkamitti Barataa Kaayyoo kan dhugaa san taana kan jedhu barruulee guyyaa guyyaan asirratti isiniif maxxansinuun isiniif qoodaa deemna.
Inshaa Allaah muudannoolee fi muuxannoolee garagaraa kanneen barumsa guddaa irraa argattan, kanneen kayyoo keessan irratti akka jabaattan isin taasisanis isiniif qoodaa deemna.
Yoom kana qofa odeeffannoo barnootaan wal qabatus hanga danda’ametti yeroo garagaraatti isiniif qoodna. Kitaabota barnootaa dabalatee, kitaabota qabiyyeen isaa barataa fayyadan jennee yaannus marsariitii keenya kanarratti isiniif dhiheessina. Akkasumas qormaatota garagaraa kan baroota as duraa hanga nuuf danda'ameen isiniif dhiheessina. Kanaaf nutti dhihaadhaa nu waliin imalaa, koflaa bohaaraa irraahiis baradhaa isiniin jenna.
Barataa Kaayyoo ~ Riqicha Milkaa’ina Barataa
Seensa barataa kaayyoo
Seensa barataa kaayyoo